ONM-ABO Fulbaana 8, 2025
Sirni abbaa irree Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa hunda keessatti afaan qawween uummata ukkaamsee bulchuuf carraaqaa jiru, hawaasa dammaqee afaan qawween buluu fudhachuu dide dadhabsiisuuf jecha kallattii hundaan irratti duulee of harkatti deeffachuuf gochoota suukkaneessoo ta’an hedduu hawaasa irratti hojjechuu hammeessuun, Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu keessatti loltootni sirnichaa obbolaa lamaan, daa’imman xixiqqoo madeessuun dhagaa’ame.
Fulbaana 6, 2025 aanaa Shanan Kooluu ganda Laaftoo- rifeensoo jedhamu keessatti daa’ima umrii 3 fi 10 kan ta’an Diitaa Ahimed fi Qannoo Ahimed loltoonni sirnichaa mana isaanii duratti rasaasa itti dhukaasnaan baqatanii yeroo isaan gara harmee isaaniitti rasaasa itti dhukaasanii harkaa fi miilla isaanii rukutuun, yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo loltonni kunneen dhufanii qawwee dhukaasanitti ijoolleen kun taa’anii taphachaa kan jiran yoo ta’u, rasaasni dhukaanaan rasaasicha baaraaguun baqatan maaliif nu baqatu, kunis ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo fudhattee guddatti jechuun daa’imman kana kan madeessan ta’uu fi harmeen isaanii rifaatuu guddoo keessa galtee gaddaa keessa jiraachuu jiraattonni dabalataan ifoomsanii jiru.
Ganda kana keessatti murni Bilxiginnaa deddeebiidhaan uummata reebuu fi qabeenya isaanii saamuu akkasumas badii tokko malee ukkaamsanii mana hidhaatti nama darbachuu aadeffachuun jireenya keenya jiraachuuf yaaddoo guddoo keessa gallee jirra jedhu jiraattonni gandichaa.

