• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti Ajjechaa, Hidhaa fi Saamichi Waraana PP’n hammaachuu jiraattotni himan

Sep 8, 2025

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Lalisaa Koomiis keessatti Fulbaana 7, 2025 waraanni PP dargaggoo maqaan isaa Amaanu’el Naggasaa Atoomsaa jedhamu reebicha hamaa irratti raawwachuun ajjeesanii gatuu jiraattotni himan.

Akka jiraattotni himanitti, Amaanu’el dargaggeessa umrii 17 yoo ta’u, sababa Oromummaa isaatiif qofa yakkamuun ajjeefamuu kan himan yoo ta’u: 

  1. abbaa isaa Obbo Naggasaa Atoomsaa fi 
  2. Obbo Lallaafaa Qaabataa 

jalaa loon saamuun gara mooraa waraanaatti geessuu isaanii itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanaa Qilxuu Kaarraa gandoota baadiyyaa cufa keessatti yakkootni garaa garaa waraana PP’n uummata nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufuun uummanni aanichaa roorroo fi gidiraa hamtuu keessumeessaa jiraachuu dubbatu.

Murni Bilxiginnaa waraana isaa shiftummaa leenjisee bobbaasuun golee Oromiyaa cufa keessatti yakkawwan garaa garaa hammeessuun uummata nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansee qe’ee fi qabeenya isaa irratti roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading