• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti dargaggoonni lama shiftoota waraana PP’n hidhamuun dhaga’ame 

Sep 16, 2025

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Murni hidhaa akka tooftaa waraanaatti itti fayyadamu Bilxiginnaan dhaloota ol-adeemoo umriin isaanii barnoota keessa jiruu fi hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’anii jiran qabee mana hidhaatti dararuu itti fufuun loltoota isaan qe’ee uummataatti bobbaaseen godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Muraa Waankiitti dargaggoota lama Fulbaana 14, 2025 qabanii achi buutee dhabamsiisuun booda irra mana hidhaa galchuun barameera.

Dargaggoonni badii tokko malee hidhaan irratti raawwate kunneenis maqaan isaanii:

  1. Kamisoo Immiruu fi
  2. Masfiin Indaaluu kan jedhaman yoo ta’an, 

dargaggoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun kan of-jiraachisan malee tuttuqaa siyaasaa dhaaba kamii keessaa qooda akka hin fudhanne jiraattonni itti dabaluun addeessaniiru.

Dargaggoota lamaan barattoota ta’an kana yeroo qabanii deemaniitti akka waan ajjeesanitti odeeffannoo gadhiisuun maatii jeeqaa kan turan gareen hawaasummaaf kabaja hin qabne Bilxiginnaan booda irra kaleessa gara galgalaa  firootni isaanii barbaadanii mana hidhaa aanaa Lataa Sibuutti argu himan.

Murni Bilxiginnaa nageenya  uummataa maqaa jedhuun loltoota kumaatamaan bobbaasus, faallaa kabajamuu mirgoota namoomaa daa’imman umriin isaanii kichuu hamaaf gaarii adda baasanii hin beekne, dargaggoota hojii barnootaa qofa irratti xiyyeeffatanii fi namoota mana isaanii jiraachifachuuf halkanii fi guyyaa warraaqqatan mara siyaasaan yakkee hidhuu, saamuu, mana irratti gubuu, gudeeduu fi ajjeesuu hojii idilee taasifachuun guyyaatti lubbuu hedduu golee Oromiyaa keessatti balleessaa oola.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading