• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessaa daa’imman leenjii milishummaaf dirqamaan waraana Bilxiginnaan gara leenjii waraanaatti geeffaman mooraa keessaa baduun maatii isaanii iratti reebichi hamaan raawwate

Sep 18, 2025

ONM-ABO Fulbaana 18, 2025 

Fullbaana 11, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa keessaa namoonni hedduun leenjii waraanaaf maneen jireenyaa fi daandii irraa waraana Bilxiginnaan gara leenjii waraanaatti guuraman keessaa daa’imman 3 kanneen maqaan isaanii:

  1. Milkaa Nagawoo, 
  2. Bariisoo Leenjisoo fi 
  3. tokko kan maqaan adda hin baane, 

akkasumas abbaan maatii tokko kan maqaan isaa:

  1. Badhoo Fayisoo jedhamu mooraa leenjii keessaa baduun dhaga’ame.

Daa’imman kunneen jalqabas osoo boo’anii maatii isaanii biraa dirqamaan waraana Bilxiginnaan qabamuun gara leenjii waraanaa kan geeffaman yoo ta’u, erga mooraa keessaa badanii boodas waraanni naamusni waraanummaa irraa hin callaqisne kunneen maatii daa’imman kanneen leenjii hidhuun, ijoollee keessan fidaa mootummaan baasii ulfaataa fi nyaata hedduu itti dhangalaasee jechuun reebicha ulfaataa irratti raawwataa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Maatiin reebichi hamaan irratti raawwate kunneen maqaan isaanii:

  1. Leenjisoo Waqantat maanguddoo ganna 70 olii mataa isaa kan buruqsan yoo ta’u,
  2. Xinnaa Leenjisoo maanguddoo ganna 65 olii 

harka isaa kan cabsan ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Koloneel Abiy Ahimed daa’imman maatiin barumsa barsiifatee abjuu isaa milkeefachuuf itti dhama’u dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruun carraa barumsaa jalaa cufuun, kanneen carraa barumsaa argatan qabxii jalaa ol kaasee kuffisuu ragaa ministeera barnootaa Biranuu Naggaa baaseen beekuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading