• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti hidhaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti murna Bilxiginnaan geggeeffamu jabaate

Sep 18, 2025

ONM-ABO Fulbaana 18, 2025 

Waraanni dantaa dhuunfaa isaanii malee nageenya uummataaf homaa hin yaadne loltoonni PP Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Gambeela Tarree keessatti Fulbaana 15, 2025 daa’ima ganna 11 maqaan isaa Yaa’iqoob Gizawuu jedhamu sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromootiif odeessa laatta” jedhu itti maxxansuun badii tokko malee waajjira gandichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessaniiru.

Akka maddeen himanitti, daa’imni kun Waraana Bilisummaa Oromootiif odeessa laachuun mitiii hamaa fi gaarii iyyuu sirnaan adda baafatee kan hin beekne ta’uu himuun, akka heera akka seera adaba yakkaatti daa’imni umrii 9-15 gidduu jiruuf yoo yakka hojjetan of eeggannoo fi madaalliin kan gidhamuuf ta’us faallaa kanaa osoo yakka hin dalagin miidhaan irra ga’a.

Daa’imman kana  akka seera adaba yakkaa ‘Criminal Code’tti hidhuun kan danda’amu yakka cimaa hidhaa cimaa yoo raawwate qofa seerichi kaa’us Bilxiginnaan yakka isaanii malee hidhuu, miidhaa qaamaa irratti raawwachuu, ajjeesuu, dhiiraa fi dhalaa gudeeduu fi humnaa qabee waraana isaatti ergee leenjisuu raawwachaa jira.

Kana malees ganduma kana keessatti torban kana keessa jaleewwan sirnichaa maqaa wal ga’ii jedhuun hawaasa gandichaa guutummaa dirqamsiisuun hojii isaanii irraa burjaajessaa kan jiran yoo ta’u, namoota wal ga’ii kana irratti hin argamne ammoo hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen itti dabaluun ifoomsaniiru.

Dhimmi wal ga’ii kanaa inni ijoon jiraataa gandichaa namni ta’e martuu Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadee baranaa irratti deemee hirmaachuu kan danda’u kaffaltii gandichaaf kaffaluudhaan waraqaa ragaa gandicha irraa fudhachuu akka qabu himuun, maqaa Irreechaan saamicha bifa jijjiirrate hawaasa nagaa irratti raawwachuu akka ta’es maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading