ONM-ABO Fulbaana 19, 2025
Qaamni mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Sudaan Kibbaa himannaa mootummaan gantummaa hogganaa mormituu Riik Machaar irratti baase ”of eeggannookan hin qabne” jedheera.
Itti aanaan pirezidaantii Sudaan Kibbaa Jalqabaa Machaar himannaa gantummaa fi yakka ciccimoo biroon akka isaan mudatu aangawoonni haqaa biyya keessaa Kamisa kaleessa yeroo ibsu kanatti, sodaan biyyi baha Afrikaa gara waraana biyya keessaatti deebi’uu dandeessi jedhu guddachaa dhufeera.
Machaar mootummaan ce’umsaa inni keessaa qooda fudhachaa jiru kana sababa himannaa yakkaatiin itti aanaa ta’uun irraa akka ugguraa jiran Kamisa kaleessaa dubbataniiniiru.
Machaar fi namoonni 7 gantummaa malees himannaa ajjeechaa, shiraa, shororkeessummaa, qabeenya ummataa fi qabeenya waraanaa barbadeessuu fi yakka dhala namaa irratti raawwatamuun himataman.
Himannaan kun kan madde taatee jeequmsaa baatii Bitootessaa keessa milishaan Waraana Adii jedhamuun beekamu waraana mootummaa weeraruun ajajaa isaa fi namoota biroo ajjeese irraati. Ministeerri haqaa ibsa Kamisa kaleessaa baaseen haleellaan naannoo Naasir, Upper Nile keessatti raawwatame karaa ”caasaa waraanaa fi siyaasaa qindoomina qabuun” dhiibbaa Machaar fi kanneen birootiin akka ta’e ibseera.
Machaar irratti himannaa yakkaa dhiyeessuun Sudaan Kibbaa daran tasgabbii dhabsiisuu hin oolu, mootummaan ishee waliigaltee siyaasaa gara waraana guutuutti akka hin deebineef hoggantoota naannoo irraa dhiibbaan isaan mudata.
Machaar yoom mana murtiitti akka dhiyaatu battalumatti ifa hin turre. Sudaan Kibbaa keessatti eessa akka jiru sirriitti kan hin beekamne yoo ta’u, deggartoonni siyaasaa isaa yeroo dheeraaf bilisummaa isaaf waamicha dhiyeessaa turaniiru jechuun Africanews fi AFPn gabaasaniiru.

