ONM-ABO Fulbaana 19, 2025
Jalqaba baatii kanaa Kibba Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootti erga weerarri Iboolaan qabamuun mirkanaa’een booda namoota 38 keessaa yoo xiqqaate namoonni 31 lubbuun isaanii darbuu isaa qondaalli fayyaa biyyattii Kamisa kaleessaa ibsaniiru.
Qondaalli sagantaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Afrikaa kan ta’an Paatriik Otim ibsa gaazexeessitootaaf Koongoo Biraazaaviil keessatti kennaniin akka jedhanitti, erga weerarri kun Fulbaana 4 labsamee booda hordoffii irratti guddinni argameera. Kanaanis namoonni 900 ol qunnamtii addatti baafamaniiru.
”Erga weerarri vaayirasichi labsamee sirriitti torban lama ta’eera. Hanga ammaatti namoonni 48 vaayirasichaan qabamaniiru, isaan keessaa 38 kan mirkanaa’an yoo ta’u, 10 ta’uu danda’u jedhame. Kan nama gaddisiisu garuu namoonni 31 du’aniiru,” jedhu.
Otim akka jedhanitti, yeroo ammaa dhukkubsattoonni 15 naannoo fayyaa Bulaapeetti wiirtuu wal’aansa Iboolaa seenanii kunuunsa argachaa kan jiran yoo ta’u, dhukkubsattoonni lama ammoo fayyanii bakkicha gadhiisaniiru.
Daarektarri Olaanaa WHO Teediroos Adihaanoom Jenevaatti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, ejensiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii meeshaalee yaalaa toonii 14 ol geessuu, ogeeyyii 48 bobbaasuu fi wiirtuu wal’aansa Iboolaa siree 48 qabu erguun gargaaraa jiraachuu himan.
Vaayirasiin Iboolaa dhukkuba hamaa, yeroo baay’ee lubbuu namaa galaafatudha. Vaayirasiin kun dhiiga ykn dhangala’aa bineensota bosonaa dhukkuba kanaan qabaman waliin walitti dhiyeenyaan wal qunnamuudhaan gara namaatti kan darbu yoo ta’u, sana booda karaa namaa gara namaatti daddarbuun gaaga’ama geggeessa jechuun Anaadoluu gabaaseera.

