ONM-ABO Fulbaana 21, 2025
Murni Bilxiginnaa akka godina Kaaba Shaggar aanaalee godinichaa maraatti humna waraanaa raayyaa ittisa impaayerattiif dirqama, maallaqaa fi goyyomsaan dargaggoota ol-adeemoo soora allaattii taasisuuf walitti qabaa jiraachuun ibsameera.
Baay’inni loltootaas akka godinichaatti kan marsaa kana guuramuu qabu 2,850 yoo ta’u, hanga ammaatti 127 qofti godinichaaf gabaafamee jiraachuun aanga’ootni Bilxiginnaa uummata WbOtu nu harkaa fudhate, hanga kana qofa akkamitti arganna jechuunwal qorachaa turuun barameera.
Kunis aanaalee Warra Jaarsoo irraa namoota 34 qofti kan galmeeffaman yoo ta’u, aanaa Giraar Jaarsoo irraa ammoo 49 akka ta’anis kan himan maddeen, leenjii marsaa kanaaf namoonni akka godinaatti barbaadaman guutuuf ammoo kaabineen tokko dargaggoota 5 ol dhiyeessuu qaba jechuun ajajni angaa’ota Bilxiginnaa irraa akka itti darbes dubbataniiru. Aanaaleen biroon ammoo hanga ammaatti nama tokko argachaa akka hin jirre barameera.
Akka odeessi mooraa murna Bilxiginnaa keessaa bahe ifoomsutti, mooraan Bilxiginnaa lola fuula-dura isaanii jiruuf sodaa hamaa keessa galanii kan jiran yoo ta’u, namni kamiyyuu umrii daa’imummaa irraa qabee, mana barnootaa, daandii gubbaa, bakkeewwan manneen Puulii, gabaa, mana amantaa fi kanneen biroo irraa dirqiin qabamee gara leenjiitti akka ergamuufis haal duree xumuranii akka jiranis itti dabaluun addeessaniiru.

