ONM-ABO Fulbaana 22, 2025
Giiniin heera mootummaa haaraa hogganaan fonqolcha mootummaa Mamady Duumboyaa pirezidaantii ta’uuf akka dorgoman kan hayyamuu fi saba Afrikaa bulchiinsa waraanaa irraa gara bulchiinsa siiviiliitti ceesisu irratti rifarandamii yeroo dheeraaf eegamaa ture gaggeessite.
Filannoon Dilbata ganama banamuun galgala irraa kan cufame yoo ta’u, filattootni ulaagaa guutan miiliyoona 6.7 ta’an heera mootummaa haaraa bara pirezidaantummaa waggaa shanii irraa gara waggaa torbaatti dheeressuu, al tokko haaromfamuu danda’u, akkasumas miseensota isaa keessaa harka sadii keessaa tokko pirezidaantichi kallattiin muudu irratti sagalee “eeyyee” ykn “lakki” akka kennan ta’eera.
Magaalaa guddoo biyyattii Koonaakrii keessatti Jimaataa fi Sanbata duulli siyaasaa itti dhorkame keessatti namoonni Dilbata ganama buufata filannootti walitti qabamanii sagalee isaanii kennaniiru.
Konakrii irraa gabaasa kan kenne, gaazexeessaan Al Jazeera Ahimed Idris akka jedhetti, mootummaan “filannoo kanaaf nageenya kennuudhaaf hojjettoonni nageenyaa 40,000 ol bobbaafamaniiru” jechuun qondaaltota nageenyaa dubbachuu ibse.
”Rafarandamiin kun wixinee heera mootummaa namoonni tokko tokko dinqisiisaa fi tarkaanfataa jedhanii waaman akka ragga’u namoonni eegaa jiru,” jedhe Idris.
“Haa ta’u malee, namoonni rifarandamii kana morman filannoo kana irratti hirmaachuuf bulchiinsa waraanaa amma jiru seera qabeessa taasisa jechaa jiru. Chaartariin ce’umsaa akka jedhutti, dhugaa dubbachuuf, miseensi mootummaa waraanaa amma jiru kamiyyuu hin hirmaatu, garuu namoonni baay’een rifarandamii kanaan bu’aan isaa heera mootummaa miseensi mootummaa kanaa hundi filannoo itti aanu irratti akka hirmaatan hayyamu ta’a jedhanii sodaatu,” jechuun bu’aan
filannoo osoo hin ibsamiin dura dubbachaa turuu dabalaniiru jechuun Al jazeeraan gabaaseera.

