ONM-ABO Fulbaana 26, 2025
Mormiin ibsaa yeroo baay’ee addaan cituu fi hanqina bishaanii irratti ka’e gara jeequmsaatti erga jijjiiramee booda, aangawoonni Maadagaskaar Kamisa kaleessaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti uggura sochii galgalaa hanga bariitti kaa’aniiru.
Poolisiin mormitoota kumaatamaan lakkaa’aman kanneen irra caalaan isaanii dargaggoota ta’an kanneen hiriira ba’anii fi barjaa qabatanii turan, magaalaa guddoo Antananarivo keessatti bittimsuuf gaazii imimmaan nama boochisu dhukaasuun isaa namni Rooyitars arge ni mul’isa.
Hiriirtonni kunneen mootummaa balaaleffachuun bishaanii fi ibsaa amanamaa guutuu biyyattiitti akka deebi’u gaafachaa turan.
“Wanti nama dhibu namoonni dhuunfaa haala jirutti fayyadamuun qabeenya namoota biroo barbadeessuun jira,” jechuun qaama nageenyaa waloo poolisii fi waraana of keessatti hammate kan hogganan Jeneraal Anjeeloo Raavelonarivo ibsa Kamisa galgala TV dhuunfaa Riyaal TV irratti dubbiseen dubbatan.
“Uummataa fi meeshaa isaanii” eeguuf humnoonni nageenyaa sa’aatii 7 p.m. hanga sa’aatii 5 a.m.tti “hanga sirni uummataa deebi’utti” jedha ibsichi.
Biyyi odola Galaana Hindii keessa jirtu Maadaagaaskaar hiyyummaa keessatti kan liqimfamte yoo ta’u, namoonni tokko tokko mootummaan pirezidaantii Andrii Rajoyelina bara 2023 irra deebi’anii filataman haala fooyyessuu dhabuu isaanii komatu.
Mormii Kamisa darbe gaggeeffameen magaalaa guddoo biyyattii keessatti galmi daldalaa guddaan tokko saamamee ergasii gubatee, manni miseensota mana maree lamaa saamamee manca’uu isaa ragaan Rooyitars ni mul’isa.
Mormitoonni kun uggura poolisiin kanaan dura hiriira kana irratti kaa’e kan morman yoo ta’u, “bishaan nu barbaachisa, ibsaa nu barbaachisa” jechuun dhaadannoo dhageessisaa turan.
Mormiin kun erga bittinnaa’ee booda booda naannoo magaalaa gurguddaa gara garaa keessatti babal’ate.
Dubbi himaan humnoota nageenyaa, Zafisambatra Ravoyavii yaada kennuudhaaf bilbilaan argamuu hin dandeenye jechuun Rooyiters gabaaseera.

