• Sun. Mar 15th, 2026

Tiksitoonni barcuma Abiy Ahimed Baha Harargee Aanaa Jarsoo keessatti dargaggoota adamsuun gara waraanaatti guuruu fi maqaa kaffaltii gibira jedhuunis saamicha geggeessaa akka jiran dhaga’ame

Sep 26, 2025

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Godina Baha Harargee aanaa Jaarsoo gandoota mara keessatti humnoonni impaayerattii dargaggootaa fi abbootii warraa gara dargaggummaa keessa jiran hordofanii afaan qawween ukkaamsuun gara adda waraanaatti guuruu fi namoota hin deemnu jedhanii mormanis reebicha jabaa irratti geggeessuun hidhaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaa Jaarsoo kana keessatti osoo uummanni Oromoo humnoota somaaleen ajjeeffamaa qe’ee isaa irraas godaanaa jiruu, humnoonni Bilxiginnaa kunneen ammoo dargaggoota isaanii saamuu fi gatii gibira jedhuun lafa meetira 20’tti maallaqa 8000-10,000’tti irraa fudhamaa jiraachuu jiraattonni onichaa addeessaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti ilmaan keenya waliin jiraachuu hin dandeenye, qe’ee keenya irraas buqiffamaa jirra, humnoonniBilxiginnaa akkuma barbaadan nu godhu, qaala’insi jireenyaas jireenya nutti hadheessee jira gubannaa kana keessa osoo jirruu hidhattoonni Somaalees nu weeraruun miidhaa gurguddaa irratti raawwachaa jiru jechuun miira gaddaan guutameen jiraattonni kunneen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading