• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa ajjeesuu akkaan cimsanii itti fufan 

Sep 28, 2025

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Maqdalaa keessaa Fulbaana 24, 2025 waraanni Bilxiginnaa badii  tokko malee nama maqaan isaa Tolaa Foollee jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Tolaan siyaasa kam irraa walaba yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa sobaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansanii ajjeesuu dubbatu.

Naasuu fi gara laafina tokko illee dhala namaaf kan hin qabne gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufatti humnaa ol bobba’uun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakka garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading