ONM-ABO Sadaasa 1, 2025
Godina Baalee Lixaa aanaa Diinshoo keessatti ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa ajaja koloneel Abiy Ahimad irraa fudhatanii bobbaafamuun hawaasa Oromoo hiraarsan, namoota godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa gara godina Baaleetti imala irra turan gaafa Onkoloolessa 24, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Ifaa Tashoomaa,
- Sanyii Daamxoo,
- Caalaa Dastaa,
- Darajjee Kabbadaa,
- Tashoomaa Mul’ataa,
- Kumsaa Zawudee,
- Caalaa Addunyaa,
- Oliyaad Addunyaa,
- Dirribaa Xilaahun,
- Araarsoo Malkaamuu fi
- Dachaasaa Tasfaayee
jedhaman sababa tokko malee konkolaataa deddeebisa uummataa keessaa ukkaamsanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namoonni kunneen hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa bilisa kan ta’anii fi hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uuf imala irra kan jiran yoo ta’u, loltoonni PP immoo maqaa ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu; waa malee gara kana hin dhufne” jechuun waan isaan keessaa hin qabne itti maxxansuun sobaan yakkanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuun ifoomeera.
Waa’een Oromummaaf yaaduu fi dhaabbachuu hangi xurii qeensaa keessoo isaanii kan hin jirre, hawaasa nagaa hiraarsuu akka mul’ataa fi galmaatti kaawwatanii kan bobba’an murnoonni Bilxiginnaa tooftaa bulchiinsa namtokkee isaanii tiksu baafachuun maqaa adda addaan hiraarsaa ulfaataa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hammeessanii jiru.









