• Thu. May 14th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Dida’aatti kaabinnoonni fi waraanni PP waliin ta’anii maqaa qaraxaan uummata saamaa jiraachuun beekame

Nov 12, 2025

ONM-ABO Sadaasa 12, 2025 

Godina Arsii Bahaa Aanaa Diida’aa keessatti kaadiroonni fi waraanni PP waliin ta’uun guyyaa gabaa daandii irratti ba’anii Qaraxa jechuun uummata irratti saamicha hammaataa geggeessaa jiraachuu jiraattotni himaniiru. 

Akka jiraattotni himanitti, kaadiroonni fi waraanni PP qaraxa kaffaluu qabdu jechuun warreen bittaa fi gurgurtaa gaggeessan lamaan irraa:

  • lukkuu tokkotti qarshii 100,
  • Bushaayee tokkotti qarshii 1400,
  • loon tokkotti immoo qarshii 1600 fi 
  • dhadhaa, kuduraa fi muduraa

dabalatellee qaraxa irraa funaana akka jiran jiraattotni saamamaa jiraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Murni Bilxiginnaa ummata qaala’insi jireenyaa itti dararuun jireenyi itti hadhaa’ee jiru sababoota adda adda tarreessee waraana isaa itti bobbaasee saamsisuun kufaatii dinagdee isaa mudatee irraa bayyaannachuuf sababoota kaffaltii garaagaraa tarreessuun naga’ee seeraa tokko malee uummata saamaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading