ONM-ABO Sadaasa 12, 2025
Bulchiinsa magaalaa Hoolotaatti, kitaaba mataa murna Bilxiginnaa kolonel Abiy Ahimad kan “Ida’amuu” jedhu kitaabni 1 qarshii 2000 hanga 5000tiin abbootiin qabeenyaa fi hojjettoota mootummaa dabalatee uummata bal’aatti dirqamaan gurguraa jiraachuu jiraattotni himan.
Dhaabbileen murnichaaf miseensaa fi miti mootummaa ta’anis kitaaba 1 qarshii 100,000 hanga 500,000tti dirqamaan bichisiisuuf dirqamsiisaa akka jiranis addeeffameera.
Hojjettoonni, abbootiin qabeenyaa, daldaltoonni fi dhaabbileen mit-mootummaa magaalicha keessa jiran yoo hin bitne hojjetaa irraa mindaa kutuu fi ilaalcha biraa itti maxxansuu, daldaltoota fi abbootiin qabeenyaa kaffaltii biraa gibira irratti dabaluun eyyama dhaabbilee irraa mulquun hanga dhaabbaticha cufuutti murni koree qindeessituu magaalichaa kallattii kaa’anii akka jiran ibsameera.
Magaalichatti kitaaba mootummaa ida’amuu jedhu baay’inni isaa 1000 ta’e Oromiyaa irraa qarshii 2,000,000n fuudhuun karaa kitaaba kanaan ammoo saamichaaf qopha’aanii akka jiran ibsameera.
Abiy Ahimed Oromiyaa keessatti kitaaba Biraanuu Leenjisoo, Daani’eel Kibiraat kan afaan Oromoon qindeessaaneen geggeeffamuu hin qabu jedhe gurgursiisaan kan ture yoo ta’u, kan isaa ammoo gurguruu bira darbe waltajjii Adaamaatti hoggantootni paartii Bilxiginnaa torbee darbe geggeessan irratti akka wabiitti kitaaba isaa arfan akka qabatanii argaman dirqisiifamnii turuun ni beekama.

