ONM-ABO Sadaasa 13, 2025
Godina Baha Harargee aanaa Guraawaa ganda Moojoo-Baalladdii keessstti murni nama nyaataan PP Oromiyaa dirree waraanaa gochuun cinatti uummata nagaa maqaa garaa garaan dararuu dabalatee, saamicha daangaa darbes raawwachaa jiraachuun jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa himan.
Jiraataan onichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise kan sodaa nageenyaaf maqaan isaa akka hin eeramne barbaade tokko akka jedhetti, “saamicha ulfaataatu uummata irratti raawwatamaa jira, ganda Moojoo Baalladdiitti lafti isaa hektaarri 0.147 dha; garuu gibira qarshii 20,000 kaffaluu qabda ittiin jechuun guyyaa afur araddaa keessatti hidhanii kan turan yoo ta’u, guyyoota afur booda sa’a tokkittiin ofii inni qabu kan inni ilmaan isaaf ol kaawwatee jiru dirqiin gurguree akka kaffalee ibsameera.
Qaala’insa jireenyaa akka impaayerattiitti jiru dandamachuu dadhabnee osoo jirruu murna maafiyaa PP kanneen miidhamni sabaa jalaa dhokachuun, faayidaan garaa isaanii qofti isaanitti mul’atuun saamichi daangaa darbe maqaa gibiraatiin nurratti adeemsifamaa jira, rakkoo keenya qaama itti himannus dhabnee jirra jechuudhaan jiraattonni naannichaa dabaluun himan.
Tiksitoonni impaayera summii Oromootti taateef waardiyyooman uummata keessaa dhalatan irratti gocha gara jabinaa fi qaanfachiisaa ta’e goleewwan Oromiyaa mara keessatti raawwachaa jiraachuun isaanii ni beekama.




