• Wed. Jan 14th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Shaggar Siitii keessatti dargaggoota Oromoo bakka buutee dhabamsiisuun cimaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran

Nov 15, 2025

ONM-ABO Sadaasa 15, 2025 

Finfinnee fi bulchiinsa magaalaa Shaggar Sitii keessatti tibbana tikoonni murni Bilxiginnaa bobbaafachaa jiru dargaggoota Oromoo bifa addaan ukkaamsaa akka jiran odeessi nu qaqqabe ni addeessa.

Abiy Ahimed shiftoota isaa kutaalee Oromiyaa keessatti bobbaasuun ilmaan Oromoo irratti xiyyaafatee ol adeemtota dagalee biyyaa ta’uu danda’an duguugee balleessuuf deggertoota isaan wal tumsuun miidhaa xiin-sammuu namaa cabsuu danda’an raawwachaa jiraachuu odeessi gamasii ONM dhaqabe ni mul’isa. 

Murni aangoo isaatti dhimma ba’uun saba guddaa akka gaanfa Afrikaatti beekamtii guddaa qabu kana xiqqeessuuf maloota addaa addaa dha’achuun, keessumatti dargaggoota biyyichaa kaan sossobee dirree waraanatti ergaa, kan didan ammaa bakka oolmaa isaanii qorachuun ukkaamsanii lubbuu isaanii balleessaa jiraachuu kan beekamuudha. 

Siyaasni isaa harkatti kufee namni hundi geggeessummaa irratti kan isa jibban, jibbamuu isaa ofirratti baree waan sabicha gaddisiisu guyyaadha guyyaatti raawwatamaa jira.

Taatewwan kun kan amma eegale osoo hin taane yeroo dheeraaf kutaalee Oromiyaa keessatti kan calaqqisifamuu fi uummatnis miidhaa isaan irra ga’e kana qaama itti iyyatan wallaaluun daa’ima isaanii harka alagaan lubbuun isaanii akka baala mukaatti kan harca’u jiraattonni miidhaan kun irra ga’aa jirus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaanii gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading