ONM-ABO Sadaasa 15, 2025
Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Lootii Aannoo keessaatti kaadiroonni fi waraanni Bilxigginna Sadaasa 13, 2025 nama maqaan isaa Malkaamuu Dassuu jedhamu qabuun maqaa hidhata WBO qabda jedhu itti maxxansuun mana hidhaatti darbuun hirarsaa jiraachuu maddeen keenya bakkichaa ONMtti dubbatan.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti namni kun xuxxuqaa siyaasaa kam irra bilisa kan ta’ee fi jireenya isa qofa foyyeeffachuuf jecha hojii daldalaa irratti bobba’ee kan jiraatu namoota biroof illee fakkeenya gaarii nama ta’eedha jechuun ONMtti himan.
Murni Bilxiginnaa namoota hawaasa biratti kabajaa fi jaalala gudda qabanii fi tattaaffii jireenyaan fakkeenya namoota biroof ta’uu danda’an adamsuun ajjeessuu, qabeenya isaanii saamuu fi mana hidhaatti darbachuun dararee haamilee uummata nagaa cabsuun harka kennachisuuf yaalus waan itti milkaa’uu hin dandeenyetti dhama’aa jira.

