• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Baalee Lixaa Aanaa Agaarfaa Keessatti maatii qabsaa’otaati ittiin jechuun dararaan waraana impaayerattiin uummata nagaa irratti hammaachuun dhaga’ame

Nov 16, 2025

ONM-ABO Sadaasa 16, 2025 

Godina Baalee Lixaa aanaa Agaarfaa gandoota garaagaraa keessatti maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffachuun hidhuu, reebuu, qabeenya isaanii saamuu fi namoota saba isaaniif quuqama qabu jedhanii yaadanis miidhaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen qabatamoo bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Murni koloneeffattoota impaayerattii muddamsuu waraanaa fi siyaasaa keessa galuun wal qabatee dirqama bobba’aniif hojiitti hiikuuf jecha uummata Oromoo maqaalee garaagaraa itti dhoobuun gidirsaa kan jiran ta’uun ni mul’ata.

Akka maddeen odeeffannoo kanaa jedhanitti baatii Sadaasaa kana irraa eegalee maatii qabsaa’otaa gandoota onichaa hunda keessa jiraatan, sakattaa fi hordoffii taasisaa erga turanii booda bifa qindaa’aa ta’een mana hidhaatti guuruun qabeenya isaanii irratti hidhattoonni sirba bututaa kunneen saamicha geggeessaa akka jiranis itti dabaluun eeranii jiru.

Uummata Oromoo irratti gocha dabaa raawwachaa kan as geesse impaayerattiin, har’as bifa adda addaan qe’ee hawaasa nagaatti duuluun goolaa kan jiru Bilxiginnaan, akka waan hidhaa fi dararaa garaagaraan furmaata argatutti kan yaaduu fi afaan qawwee isaatti maayii ba’uu kan amanu murni  maafiyaa PP jireenya namootaa balaa hamaaf saaxilaa jiraachuun isaa ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading