• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosatitti murni Bilxiginnaa midhaan uummanni facaase jalaa balleessuu fi meeshaalee uummataa saamuu jabeessanii itti fufan 

Nov 16, 2025

ONM-ABO Sadaasa 16, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee bakka addaa Shaakkisaa jedhamutti loltoonni fi kaabinoonni Bilxiginnaa kabajaa fi safuu dhala namaaf hin qabne gaafa Sadaasa 15, 2025 ganama bariin midhaan qonnaan bultoonni facaasan jalaa akka balleessan jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Akkuma beekamu uummanni ganda Siifaa Battee naannawaa Shaakkisaa, Kokorii, Mariibaa fi Gooroo jiraatan irra jireessaan jallisiitti fayyadamuun jiruu fi jireenya isaanii kan geggeeffatan yoo ta’u, midhaan lafti sun laatu kanneen akka boqqolloo, boloqqee, kuduraa fi muduraa oomishuun beekamu. 

Haa ta’u malee loltoonnii fi kaabinoonni sirna gabroomfataa, abbaa irrummaa isaanii uummata irratti agarsiisuuf midhaan boloqqee qotamee biqile qonnaan bultoonni bishaan osoo obaasaa jiranii irraa dhorkuun mana hidhaatti erga darbatanii booda “boloqqee ooyiruu irra jiru balleessaatii bakka isaa qamadii facaasaa” nuun jedhan jechuun qonnaan bulaan tokko kan maqaa isaa kaasuu hin feene ONM’f eeree jira.

Mana hidhaa keessaa ba’uuf tokkoo tokkoon namaa qarshii kuma digdama digdama kan gaafataman yoo ta’u, namni ooyiruu isaarraa boloqqee hin balleessine ammas kuma digdama akka kaffallu dirqamaan nu mallatteessisaniiru jechuudhaan qonnaan bultootni biroon yaaddoo qaban ibsataniiru.

Ittuma fufuun ganduma kanatti namoonni meeshaalee manaaf isaan barbaachisu bitatanii yoo galan “Isin WBO dhaaf geessitu” ittiin jechuun humnaan harkaa fuudhanii itti fayyadamaa akka jiranii fi qonnaan bultoota paappayyaa oomishuun jiraatan gibiraan alatti yoggaa isaan gabaatti dhiyeeffatan hordofuun maallaqa humna isaaniin olii irraa fuudhaa kan jiran yoo ta’u, sanumayyuu gatii gadi bu’aan akka isaan gurguratan taasisaa jiru jechuun namoonni paappayyaa oomishuun jiraatan itti dabaluun eeraniiru.

Kanumarraan kan ka’e qonnaan bultoonni kun sadarkaa of jibbuu irra geenyeerra jechuun guyyaa har’aa illee ganamaan uummata hojiirraa dhorkuun saamichaaf akka isaan waaman miira aarii isaanii ONM tti himaniiru. Murni bilxiginnaa maqaa gibiraa da’eeffachuun saamicha ulfaataa uummatarratti raawwachaa akka jiran yeroo darbe gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading