• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosatitti murni Bilxiginnaa namoota nagaa hidhuu fi jiraattota bishaan irraa dhorkuu jabeessanii itti fufan 

Nov 17, 2025

ONM-ABO Sadaasa 17, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti gareen ilmaan Oromoo dararuu amaleeffate murni bilxiginnaa namoota nagaa hidhuu fi jiraattota bishaan irraa dhorkuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Haaluma kanaan kaleessa ganama sa’aatii 3:00 irratti ganda Nuuraa Haasee bakka addaa Haaseetti loltoonni Bilxiginnaa namoota nagaa siyaasa irraa bilisa ta’an mana isaaniitti dhaquun “isin deggertoota WBO ti” ittiin jechuun namoota sadii maqaan isaanii:

          1. Yaamii Gammachuu,

          2. Gaashaa Gammachuu, 

          3. Katamaa Badhaadhaa 

kanneen jedhaman ganama kana  Sadaasa 16, 2025 humnaan qabanii gara mana hidhaa Siifaatti fuudhanii deemuu isaanii maddeen ifoomsaniiru. Namoonni kun yeroo darbe ji’oota muraasa dura sababa tokko malee WBO deggartu ittiin jechuun har’as ragaa tokko malee hidhaa akka jiran jiraattonni gandichaa ONM’f addeessaniiru.

Itti fufuun ganda Arriiboonaa naannoo daandii Itiyoo Jibuutiitti argamu bakka addaa Caancoo jedhamutti murni Bilxiginnaa uummata gandichaatiin “isin deggertoota WBO ti” waan ta’eef “bishaan hin waraabbattan” ittiin jechuun guyyaa lamaaf bishaan dhugaatii dhorkachuu isaanii jiraattonni gandichaa dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading