ONM-ABO Sadaasa 17, 2025
Godinaalee Harargee lamaan keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa bifa addaan bobbaafamanii hidhattoota Amaaraa dabalachuun aanaalee godinoota kanneenii kan akka Hancaar, Ciroo, Mi’eessoo, Daaroo Labuu fi kanneen biroo keessa socho’uun miidhaa jabaa namoota tuttuqqaa siyaasaa keessa quba hin qabne irratti daba raawwachaa jiraachuun ibsameera.
Duula haarawaa murni faashistii Bilxiginnaa dhaaddannoo Baha Oromiyaa keessaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun bobbaafamaa jiraachuun qabeenya uummataa fi lubbuu lammiilee nagaa irraan gaaga’ama ulfaataa geessisaa jiraachuun ibsameera.
Akka jiraattonni jedhanitti waraanni murna faashistii PP dantaa sirna tokkoo tiksuuf ifaajaa jiran kunneen addattuu uummata Oromoo qarqara irra jiraatanii fi kanneen bakkicha keessa sochiin WBO ni jira jedhanii yaadan cufatti bobbaa’anii dargaggoota hanga maanguddoota qabuun jumlaan ajjeesuu fi ukkaamsanii hidhaan gidirsaa akka jiran himu.
Murni waggoottan shanii oliif Waraana Bilisummaa Oromoo balleessineerra, funaanaa jirra, kan hafte daangaa Sudaaniin baqachaa jirti jechuun olola afaarsuun qe’ee lammiilee nagaatti ol deebi’ee namoota ajjeesuu aadeffate, akkuma qurxummii balleessuuf bishaan gogsuu qabna” jedhee dubbachaa ture har’aa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf haal-dureewwan uummata balleessuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuun ni beekama.



