• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti ergamtootni impaayerattii utubuuf dhama’an aanaalee garaa garaa irraa walitti dhufuun akkataa ittiin hawaasa goolan mari’achaa turuun ifoome

Nov 18, 2025

ONM-ABO Sadaasa 18, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaalee akka; Collee, Gunaa, Martii, Jajuu, Asakoo, Shanan Kooluu, Gololchaa fi aanoota hedduu irraa kaabinoonni hedduun walitti dhufuun bulchinsa godinaa, ajajaa waraanaa Kibba Bahaa hanga Kibba Lixaatti kan ajaju nama maqaan isaa Salamoon Abaatee jedhamu fi Alamuu Simee dabalatee walitti dhufuun mari’acha turuu maddeen ibsaniiru.

Qabiyyeen maree isaaniis, Waraanni Bilisummaa Oromoo lafoota hedduu fi hawaasa bal’aa nu harkaa fudhatee waan jiruuf uummata ganda baadiyyaa keessa jiru buqqisnee gara magaalaatti butuu fi namoota WBO deggaru jedhamanii shakkaman ajjeesuu, hidhuun yeroo dheeraaf murtii malee dararuu, qe’ee fi qabeenya isaanii saamuu fi gubnee barbadeessuun akka isaan hiyyoomanii biyya gadi dhiisanii badaniif irratti hojjachuu qabna jechuun marii irra akka turan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, bulguuwwan kunneen yeroo hedduu Arsii Bahaa aanota hedduu keessatti loltoota isaanii bobbaasuun hawaasa goolchisiisaa akka turan dabalataan ibsaniiru.

Murni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti hawaasa nagaa dararaa jiru itti fufuuf gara fuulduraattis daran akka itti hawaasa gooluun saamanii of jireessan tooftaalee garaagaraa uummachaa jiraachuun ni mul’ata.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading