• Sat. Mar 14th, 2026

Miseensi waraana impaayerattii tokko aanaa Mana Sibuu keessatti WBO’tti harka kennate 

Nov 18, 2025

ONM-ABO Sadaasa 18, 2025 

Miseensi waraana faashistii Bilxiginnaa tokko godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Qeelaa Daabbus jedhamu irraa mooraa diinaa ganee qawwee fi hidhannoo isaa waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate 

Miseensi waraana Bilxiginnaa kun: 

  • qawwee AKM Turkii 1, 
  • rasaasa 220, 
  • boombii F1 2, 
  • gumbii 4 fi 
  • hidhannoo isaa waliin qabachuun Waraana Bilisummaa Oromoo bira nagaan gahee jira.

Loltoonni sirnichaa yeroo garaagaraatti mooraa diinaa onsanii baduun baratamaa kan dhufe yoo ta’u, mooricha keessatti rakkoowwan adda addaa isaan mudachuu kaasuun keessattuu lola keessaa fi alaan impaayerattiitti qabatee jiru nuffuu dabalatee wal dhabdeen sanyummaa irratti hundaa’e deddeebi’ee mul’achuu fi miseensotni walitti dhukaasanii wal ajjeesaa oolus jedheera.

Miseensi waraana sirnichaa kunis sabaan Oromoo fi dhalataa Oromiyaa yoo ta’u, innis hojii idilee isaa irraa dirqamaan qabamee leenjifamuun akka bobbaafame himuun hanga, turtii yeroo sirnichaaf tajaajilaa ture keessattis akkaataa seeraa fi dambiin waraanaa ajajuun osoo hin taane fedhii siyaasaa murna Bilxiginnaa tiksuuf jecha wal ta’anii yakkoota namoomaa raawwachaa akka turan ibseera.

Murni Bilxiginnaa bakkeewwan maratti uummata addaan qoqqooduun kan beekamu yoo ta’u, keessattuu bakka sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo deddeebi’iin isaan mul’atu keessatti ammoo irratti fuulleffachuun siyaasa koo hin fudhatan jechuun loltoota isaa itti duulchisee miidhaa uummaticha irraa akka qaqqabsiisnuuf itti nu qajeelcha jechuun dubbata.

Kanuma sababeeffachuun gareen Bilxiginnaa jibbaa fi ilaalcha diinummaa inni saba Oromoof qabu hubachuun Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamuu kan hime miseensi loltuu sirnichaa duraanii kun, innis carraa argatetti fayyadamee diina saba Oromoo kan ta’e murna Bilxiginnaa loluuf qophii ta’uu isaa ifoomseera.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baatanii diinaaf dibbee lolaa ta’uun mooraa waraanaa sirnichaa keessatti hafaniinis qawwee fi hidhannoo keessan qabattanii gara qabsoo saba keessanii ABO-WBO”n durfamuutti kan dabalamtan yeroon isaa amma jechuun dhaamsa Oromummaa dabarseefii jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading