๐๐จ๐ซ๐ฆ๐ข๐ข ๐๐๐ซ๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐ก๐๐๐๐๐ข๐ฅ๐๐ ๐๐๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐๐ ๐๐ฅ๐๐๐ง๐จ๐จ!
Barattootni Yunversitiilee garagaraa keessatti argaman sagantaa Ministeerri Barnootaa baase mormuun diddaatti seenan. Karoora kana keessa dargaggoota waraanaaf qopheessuun jiraachuu akka malu keessa beektotni himaa jiran.
SADAASA 17, 2025
Barattootni Yunversitiilee adda addaa Oromiyaa keessaa fi Oromiyaan alatti argaman sagantaa Ministeerri Barnootaa baase mormuun guyyaa kaleessaa sochiin kan eegale yoo taโu, harโa Sadaasa 17, 2025 ammoo dirreetti baโuun diddaa sagantaa kanaaf qaban mulโisaniiru.
Ministeerri Barnootaa barattootni bara kana eebbifaman eebbifamuu isaaniitiin dura waggaa tokkoof ogummaa barataniin hawaasa tajaajiluun, achiin booda akka eebbifaman jechuun kan labse yoo taโu, labsii kana hordofee ti kan barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoo adda addaa mormii waan kanaatti kan seenan.
Barattoonni Yuunivarsiitilee garagaraa labsii kana mormaa kan jiran yoo taโu, Yuunivarsitiileen akka Madda Walaabuu, Arsii, Amboo, Salaale, Jimma, Walqixxee, Arbaa Minci, Jiinkaa, Hawaasaa, Dirree Dhawaa, Diillaa, Jigjigaa, Walaayittaa Sooddoo, Wachaamoo, Odaa Bultum, Haramaayaa, Bulee Horaa, Asoosaa, Boorana, Wallagga, Miizaan Teeppi, Finfinnee, Mattuu fi kanneen biroo keessatti hiriirri mormii adeemsifamaa jiraachuu maddeen iddoo adda addaatii gabaasaa jiran.
Ministeerri Barnootaa waggaa tokkoof hawaasa tajaajilu jechuun labsus, karoorri dhokataan, kan barattoota waraanaaf qopheessuu keessatti akka argamu keessa beektotni dubbataa jiran.
Waggaa tokkoof tajaajila hawaasaa kennu kan jedhu keessatti:- Manneen barnootaa fi dhaabbilee barnootaa irratti bobbaโanii hojii barsiisummaa irratti bobbaโu; achii deebiโanii barnoota isaanii xumuruun eebbifamu kan jedhu kan argamu yoo taโu, gama biraan ammoo akka keessa beektotni jedhanitti, hojii nageenyaaf leenjiin kennamu akka jiru dubbatu.
Amma dura barattoota Bultii Addaa gara maatiitti galuu dhorkuun barnoota leenjii waraanummaa kennaafii turuu kan himan keessa beektotni kunniin, mana barnootaa Bultii Addaa Bishooftuutti ijoollee barachaa turaniif leenjii waraanaa kennaafii akka turan yaadachiisu.
Justice_for_Oromo_Students.
#ANIS_Barataadha!
#sayno
