• Wed. Mar 18th, 2026

Kaadhimamaan pirezidaantii Honduraan Tiraamp filannoo keessa seenan jedhe

Dec 6, 2025

ONM-ABO Muddee 5, 2025 

Filannoo pirezidaantummaa Honduraas keessatti kaadhimamaa giddu galeessaa kan ta’an Salvaador Nasralla, pirezidaantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Tiraamp falmii filannoo irratti sirna dhabummaa biroo kaasuun filannoo gidduu seenuun himataniiru.

Prezidaantiin Ameerikaa torban darbe kaadhimamaa paartii Konsarvaatiivii Nasirii Asfura manguddoo ganna 67, kan raggaasisan yoo ta’u, Nasrallaa jechuun kooministii jedhanii moggaasuun  sochiin lamaa Nasrallaa injifannoo isa dhabsiisuu danda’a jedhan.

Naasrallaan maanguddoon ganna 72, Kamisa darbe gaaffiifi deebii addaa taasisaniin, dubbiin Doonaald Traamp filannoo irratti dhiibbaa waan uumeef na dhukkubse. 

Tiraamp pirezidaantii biyya giddu galeessa Ameerikaa itti aanu murteessuuf filannoo walitti dhiyeenyaan falmame irratti gaaddidduu dheeraa kaa’aniiru.

“Honduraas bu’aa filannoo pirezidaantummaa isaanii jijjiiruuf yaalaa jiru fakkaata,” jechuun Truth Social irratti Wiixata darbe  barreessaniiru. “Yoo akkas godhan kaffaltiin balaa ta’a jedhan!” jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading