ONM-ABO Muddee 16, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Heellaa Xareetaa jedhamuun waamamtu keessatti Muddee 14, 2025 kaadiroonni sirna bututaa Bilxiginnaa, miliishota isaa uummata gabaaf ba’etti bobbaasuun seensa gabaa irratti namoota bituu fi gurgurachuuf ba’an daandiirratti qabuun maqaa gibira kaffaluu qabdu jedhuun waan isaan of harkaa qaban saamaa turuu fi hedduus gara mana hidhaatti guuraa turuu jiraattonni himan.
Akka jiraattonni dubbisne jedhanitti, akka saamichaaf isaaniif mijatutti guyyaa gabaarra bobbaafamuun uummata bakka garaa garaa irraa walitti dhufan bakka tokkotti saamaa turuu himuun, namoota hedduu reebuun gariin ammoo ukkaamsanii mana hidhaatti naqanii dararaa jiraachuu dubbatu.
Waraanni faashistii PP maqaa gibiraa fi Inshuraansii fayyaa da’oo godhachuun uummata Oromoo irratti saamicha qaanfachiisaa raawwachuun cinatti, hedduu haala suukanneessaan ajjeesanii bineensa nyaachisuu akkuma itti fufanitti jiraachuu isaanii gochawwan guyyaa guyyaan raawwatamaa jiran ragaa ba’u.


