ONM-ABO Muddee 17, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Caalaa Daabbus keessatti Muddee 15, 2025 irra jalqabuun hidhaattoonnii PP hawaasa gabaa dhaqatee jiru keessa namoota dhiira ta’an daa’ima hanga manguddootti hunduma humna waraanan ukkamsuun fudhanii deemu ibsuun gara mooraa leenjii waraanaatti erguuf akka ta’ees itti dabaluun maddeen keenya ONMtti himan.
Gochii ilmaan Oromoo adamsuun dirqaman gara mooraa leenjii waraanaatti ergu kun aanuma kana magaalaa Mandii fi Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessattis bifuma wal fakkaatun jabate itti fufee jiraachuu ibsuun ilmaan Oromoo kallattiin waraana isa irratti bobbase ajjeessa alkallattiin immoo dirqaman lola isaan hin ilaallaneetti erguun ficcisisaa jira jechuun dubbatan.
Murni Bilxigginna waggoota oliif barcuma aangoo siyaasaa isa ittin tikfachuuf jecha ilmaan Oromoo mana barnoota, mana amantaa, bakka hojii, bakka bashananaa fi bakkeewwan gabaa keessa humnan ukkamsuun waardiyya godhachuuf gara mooraa leenjii waraanaatti guuruun lola isaan hin ilaallaneetti erguun ficcisisaa turuu fi jiraachuu irra deddeebiin gabaasa turreera.

