• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Shaggar magaalaa Adaamaatti murni Bilxiginnaa dargaggoota humnaan mooraa leenjiitti guuruu jabeessanii itti fufan

Dec 22, 2025

ONM-ABO Muddee 22, 2025 

Godina Baha Shaggar magaalaa Adaamaatti murni Bilxiginnaa dargaggoota humnaan mooraa leenjiitti guuruu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Bifuma olitti eerameen murni Bilxiginnaa kan warraaqsa ilmaan Oromoo butuun gara aangoo siyaasaatti ol ba’e magaalaa Adaamaa kutaa garaagaraa kanneen akka Daraartuu, ganda Gaaraa, Boolee, Amadee, Firaankoo, Buufata Konkolaataa Haaraa, Poostaa, Humna Ibsaa, Piikook, Ganda Haaraa fi kutaalee biroo keessatti dargaggoota hojii guyyaa kanneen akka daandii fi ijaarsa manaa irratti bobba’uun ofii isaanii fi maatii jiraachisan jaleewwan Bilxiginnaa jala kaa’uun karaa seensaa fi ba’iinsa isaanii hordofuun torban kana keessa walitti fufiinsaan bakka kolleejjii Harraambeetti walitti kuusuun galma Abbaa Gadaa irraa konkolaataan gara mooraa leenjii waraanaa kaaba impaayerattiitti kan argamu Birshalaqootti ergaa akka jiran qaamni maqaa isaa kaasuu hin barbaanne keessaa miliqee kan ba’e ONM’f addeesseera .

Dargaggoota kanneen keessaa maqaan isaa Fiqaaduu Gammachuu jedhamuu fi hiriyoota isaa waliin bakka ijaarsa manneenii naannoo Piikook jedhamu irraa kaabineen Bilxiginnaa bulchaan Baha Shaggar Abbaabbuu Waaqoo, milishootaa fi jaleewwan bobbaasuun dargaggoota hedduu fayyummaa isaanii ‘medical examination’ osoo hin mirkaneessin, dirqamaan guuranii lola ilmaan Oromoo hin ilaalletti fe’aa akka jiran keessa beektonni sirnichaa addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading