ONM-ABO Muddee 22, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Qarsaa Maallimmaa ganda Qaawaa Dhangaggootti horii baay’inni isaa 13 ta’e farda tokko waliin gara jabeeyyiin loltoota murna Bilxiginnaa kanneen naatoo namummaa hin qabne sababa ilmaan keessan qabsoo bilisummaa Oromoo kan dhaaba ABO-WBO’n durfamu keessa jiru jedhuun hawaasa jalaa akka ooffatan odeessi gamasii nu qaqqabe ni ifoomsa.
Abbaan qabeenyaa loowwan jalaa ooffataman kunneenis Obbo Biraanuu Abbaa Asaffaa kan jedhamu yoo ta’u, loon 13 sababa ilmi isaanii Asaffaan miseensa qeerroo bilisummaa Oromoo ta’eef jalaa ooffatanii jiru. Guyyuma kanas farda 1 Obbo Mallasaa Tolosaa jalaa ooffachuun ibsameera.
Taateen saamichaa kunis Jimaata darbe gaafa Muddee 19, 2025 oggaa ta’u, waraanni saamicha maatii qabsaa’otaa irratti raawwatan kunneen ammoo aanaa Qarsaa Maallimmaa irraa akka bobbaafaman jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.







