ONM-ABO Muddee 23, 2025
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooraa Kanaaboo jedhamu keessatti gaafa Muddee 19, 2025 waraanni faashistiin Bilxiginnaa namoota nagaa hojii idilee isaanii keessaa qabuun reebicha akkaan jabaa ta’e irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota reebichi laalessaan irratti raawwatame kan ammaaf maqaan isaanii nu ga’e keessaa muraasni:
- Obbo Hiikaa Badhaasaa,
- Obbo Addunyaa Barkeessaa,
- Obbo Waaqwayyaa
kanneen jedhaman yoo ta’u, namootni kunneen hirmaannaa siyaasa qaama kamiyyuu keessaa kan hin qabnee fi namoota nama hunda biratti fudhatamummaa jabaa qaban akka ta’an jiraattonni dabaluun dubbatu.
Murni xiqqaan saba guddaa kana dararee balleessuuf haal-duree jiru mijeeffatee waraana isaa biyyarra bobbaasuun ilmaan Oromoo xiqqaadhaa hanga guddaatti dararaa akkaan jabaa ta’e guyya guyyaan irratti raawwachaa jiraachuun isaa haqa mul’ataadha.
Gocha badii hammeenyummaa isaanii itti fufanii kan jiran, sirni kaayyoo Minilik dagaagsuuf bu’uura godhatanii ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun lafarraa duguugaa jiran, godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti ilmaan Oromoo adamsanii miidhaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.






