ONM-ABO Muddee 24, 2025
Murni maqaaf biyyan bulcha jedhee of dhaadhessu Bilxiginnaan qooda nageenya biyyaa eegsisu waraana isaa qe’ee hawaasaa irra bobbaasee nageenya booressuun darara akkaan jabaa ta’e guyyaadha gara guyyaatti geggeessaa oola.
Haaluma kanaan Aanaa sayyoo ganda Qoree jedhamu keessatti Muddee 19, 2025 waraanni sirna impaayeraa Itoophiyaaf olii fi gadi fiigan namoota hojii isaanii irratti xiyyeeffachuu duwwaadhaan jiraatan gaaffii seera tokko malee qabuun aduu keessa jilbeenfachiisanii reebicha hamaa irratti raawwatanii jiraachuu maddeen ONMf Gabaasaniiru.
Namoota reebichi irratti raawwatame keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
1. Biqilaa Kumarraa,
2. Ayyaanaa Daggafee,
3. Naahoom Abarraa,
4. Caalaa Habtaamuu
kanneen jedhaman yoo ta’u, namootni kunneen hirmaanaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi namoota biyya isaanii keessatti kabajaa fi jaalala qaban akka ta’an jiraattonni itti dabaluun dubbatu.
Jibbiinsi uummata Oromoof qabu ifatti kan irraa beekamu, namoota jireenya isaanii fooyyeffachuuf olii fi gadi fiigan ilaalcha ija shakkiin yakkuun dhiittaa mirgoota namoomaa irratti raawwachaa jiraachuun dhugaa nama hin mamsiifneedha.









