• Thu. Jan 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti kaabinoonni murna Bilxiginnaa wal dhabdee gidduu isaanitti uumameen wal hidhaa jiraachuun dhaga’ame

Dec 25, 2025

ONM-ABO Muddee 25, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Jaarsoo Liyaa jedhamu keessatti Muddee 22, 2025 kaadiroonni gandichaa naga’ee tokko malee uummata saamuun qarshii guuraa jiran addaan qooddannaa irratti wal-shakkii keessoo isaaniitti uumamaa jiru hordofee wal hidhaa jiraachuun ibsameera.

Akka jiraattonni himanitti, namoota maqaan isaanii Lataa Tolasaa bulchiinsa gandichaa kan turee fi Malkaamuu Gammachuu dabalatee kanneen biroo maqaan hin argamne akka hidhan itti dabaluun addeessaniiru.

Kaadiroonni fi waraanni Bilxiginnaa sadarkaa gubbaa hanga gadiitti jiran yeroo garaagaraatti saamicha maallaqaa fi lafaa irratti wal dhabuun wal hidhaa akkasumas wal irratti dhukaasuun lubbuu walii isaanii galaafachaa turuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading