• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Hincinnii keessatti miseensi waraana Bilxiginnaa, Raayyaa ittiisa impaayeratti  ta’e tokko WBO’tti harka kennate

Dec 25, 2025

ONM-ABO Muddee 25, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii bulchiinsa magaalaa Kamisii Roggee irra Muddee 18, 2025 miseensi Raayyaa Ittisa  impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo isaa qabatee mooraa PP ganuun WBO onichaatti harka kennatee jira.

Miseensi waraana Bilxiginnaa kun:

  • qawwee AKM 1, rasaasa, fi 
  • Boombii F1-1 

qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira nagaan ga’ee jira.

Loltuun kun mooraa waraanaa  Bilxiginnaa, kan ofii keessa ture keessatti rakkoowwan garaagaraa kan mul’atan ta’uu himuun, keessattuu dhimmi gara Kaaba biyyaatti, WBO fi keessoo isaaniin walqabatee yaaddoo guddaa caasaalee Bilxiginnaa raasaa kan jiru yoo ta’u, gama biraatiin immoo miseensota waraanaa sabaan Oromoo ta’an irratti shakkiin waraana Bilisummaa Oromoo quunnamtu jedhu jiraachuu bira darbee hidhaa fi ajjeechaan irratti geggeeffamaa jiraachuus loltuun kun dubbateera. 

Miseensi waraanaa kun akka jedhutti, barnoota koo fi maatii koo irraa fedha kiyya maleen kaadiroota faashistii Bilxiginnaan humnaan qabamee leenjifamuun akka bobbaafame kan himu yoo ta’u, hanga turtii Bilxiginnaaf tajaajilaa ture keessattis akkaataa seeraa fi naamusni waraanummaa irraa calaqqisuun osoo hin taane fedhii siyaasa Bilxigginnaa eeguuf jecha miidhaawwan namoomaa hedduu raawwachaa turuus ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading