• Sat. Mar 28th, 2026

Ogeeyyiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii uggura humna galaanaa Ameerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatte weerara seeraan alaa jechuun balaaleffatan

Dec 25, 2025

ONM-ABO Muddee 25, 2025 

Ogeeyyiin mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii afur uggura humna galaanaa gartokkoon Ameerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatte balaaleffachuun, weerara hidhannoo seeraan alaa ta’uu isaa ilaalanii Kongireesiin Ameerikaa akka gidduu seenu gaafataniiru.

Ogeeyyiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibsa waloo Roobii kaleessaa kennaniin, “Uggura hidhannootiin qoqqobbii gama tokkoo raawwachiisuuf mirgi hin jiru” jedhan.   

Ameerikaan humna waraanaa guddaa Kaaribiyaan keessatti bobbaastee, dooniiwwan Veenzuweelaa qoqqobbii jala jiran jettee yaaddu irratti uggura humna galaanaa taasifteetti, dooniiwwan boba’aa fe’atan to’attee jirti.

Uggurri Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalatti humna waraanaa biyya biraa irratti fayyadamuu dhorkaadha jedhan.

“Itti fayyadama humnaa hamaa waan ta’eef, Hiika Weerara Yaa’ii Waliigalaa bara 1974 baaseen weerara hidhannoo seeraan alaa ta’uunis ifatti beekamtii argateera,” jedhu ogeeyyiin kunneen. “Humna  seeraan alaa fayyadamuun, fi humna dabalataa galaanaa fi lafa irratti fayyadamuuf doorsisuun, mirga lubbuun jiraachuu dhala namaa fi mirga biroo Veenzuweelaa fi naannichaa balaa guddaadhaaf saaxilu.”

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Veenzuweelaan qabeenya guddaa biyya Ameerikaa Kibbaa kan ta’e boba’aa “shororkeessummaa qoricha sammuu namaa hadoochu, daldala namaa, ajjeechaa fi butamuu” maallaqaan gargaaruuf fayyadamuu ishee himatu.

Karaakaas daldala qoricha sammuu namaa hadoochu keessatti hirmaannaa akka hin qabne ni haalti. Waashingitan kuufama boba’aa Veenzuweelaa addunyaa irratti isa guddaa ta’e qabachuuf pirezidaantii ishee Nikolaas Maaduroo aangoo irraa kaasuuf akka barbaaddu dubbatamaa jira jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading