• Wed. Mar 18th, 2026

Dhohinsa masjiida Alawitoota Siiriyaa Homs keessatti mudateen lubbuun namoota shanii darbe

Dec 27, 2025

ONM-ABO Muddee 27, 2025 

Jimaata kaleessaa masjiida garee amantii Alawitoota xiqqaa magaalaa Homs keessatti argamu keessatti dhohinsa mudateen namoonni shan du’uu dhaabbati oduu mootummaa Siiriyaa SANA beeksiseera.

SANA’n qondaala Ministeera Fayyaa Siiriyaa Najib al-Naasan wabeeffachuun namoonni 21 madaa’uu isaanii fi lakkoofsi kun lakkoofsa duraa ta’uu ibsuun dabaluu akka danda’u agarsiiseera.

Waajjirri pireesii magaalaa Homs akka jedhetti, masjiida Imaam Alii bin Abii Xaalib keessaa meeshaan dhoo’aan dhoo’ee humnoonni nageenyaa naannoo sana marsaniiru.

Qondaalli naannoo sanaa Issam Naameh Rooyitarsiif akka himanitti dhohinsi kun kan raawwatame yeroo salaata Jimaata sa’aatii walakkaa yoo ta’u, yeroo baay’ee yeroo itti namootni masjiidotatti baay’ataniidha.

Miidiyaaleen mootummaa Siiriyaa SANA’n suuraa baraartoonnii fi humnoonni nageenyaa caccabaa ⁠kaarpettii magariisa masjiida kanaa irratti faca’e qoratan maxxanseera. Haleellaa kanaaf battalatti itti gaafatamummaa kan fudhate hin turre jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading