• Thu. Mar 12th, 2026

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti waraanni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko irratti reebicha ulfaataa raawwachuun bilbiloota quunnamtii uummataa irraa saamuunis dhaga’ame

Dec 27, 2025

ONM-ABO Muddee 27, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Rahaa gandoota garaagaraa keessatti Muddee 23, 2025 waraanni Bilxiginnaa Qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Abdoo Mahaammad Salam jedhamu reebicha ulfaataa irratti raawwataniin dhiiga gurraa fi afaaniin yaasuun du’e jedhanii yeroo bira deemanitti uummanni naannichaa kaasanii mana yaalaatti geessuu maddeen ONM’tti himaniiru. 

Akka maddeen gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanitti gochaan gara jabinaa kun lafa kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa Musxafaa Jaabir jedhamu uummata aanichaa bakka bu’een jira ofiin jedhutti reebicha dhala namaaf hin malle irratti raawwatanii turuu maddeen ifoomsaniiru. 

Uummata gandichaa cufa irraas odeessa keenya miidiyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif kennaa jirtu jechuun bilbiloota quunnamtii harkaa kan saaman yoo ta’u, baay’inni bilbiloota uummata harkaa saamamanii kuntaala 5 olitti naquun kan tuulan ta’uu fi kanneen bilbila isaanii bool’a qotanii awwaallachuun oolfatan qofatu sagalee uummata isaaniif ta’aa akka jiranis beekameera.

Kana malees akkuma guutummaa aanichaatti namoonni dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuramaa jiranis hedduu ta’uu eeruun, namoonni hedduun sirna badii kanaaf lubbuu isaanii dhabuu irraa iddoo biraatti baqachuu filachuun jireenya godaansaaf saaxilamanii bu’aa bayii hedduu keessatti jireenya isaanii geggeeffachaa akka jiranis maddeen ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading