• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo keessaatti waraanni maafiyaa PP qabeenya namoota nagaa saamuu jiraattotni himan

Dec 29, 2025

ONM-ABO Muddee 29, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo ganda Guutee Bunaa jedhamu keessaa Muddee 24, 2025 waraanni akka feetee PP namoota nagaa jalaa bunaa fi madaala bunaa saamuun hidhanii jiraachuu jiraattonni onichaa Arraatta Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni himanitti, waraanni PP namoota maqaan isaanii:

  1. Barsiisaa Galataa Buusaa jalaa buna kuntaala 45 fi madaala tokko
  2. Obbo Sooraa Zarihuun jalaa buna kuntaala 20 fi madaala tokko saamuun isaaniinis hidhanii kan jiran yoo ta’u, 

namoonni saamaman kunneen yakka dalagan tokkollee osoo hin qabaatin sababa Oromummaa isaaniif qofaaf qabeenyi isaanii akka saamames itti dabaluun ibsaniiru.

Murni Bilxiginnaa golee Oromiyaa cufa keessatti afaan qawweetti dhimma bahuun namoota nagaa badii tokko malee saamuun kufaatii dinagdee isa mudate irraa bayyaannachuuf dhama’aa jiraachuun ni hubatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading