• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa bakka gabaatii namoota guuruun dargaggootaa fi abbootii hedduu ukkaamsanii gara mooraa waraanaatti fe’uun ifoome

Dec 29, 2025

ONM-ABO Muddee 29, 2025 

Waraanni faashistii Bilxiginnaa kanneen maqaa sakkattaa WBOtiin uummata nagaa saamuuf bobbaafaman Muddee 27, 2025, godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo Bulchiinsa magaalaa  Seertumii jedhamtu keessatti hawaasa gabaatti itti marsuun maallaqa saamuu fi dargaggootaa fi abbootii warraa hedduu ukkamsuun gara mooraa waraanaatti ergaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Eeruu gamasii ONM qaqqabeen, loltoonni faashist PP fi kaabinoonni wal ta’uun guyyaa 5’f sakkattaa WBO jechuun uummata bahaaf gala dhorkuun saamicha maallaqaa geggeessaa turan. Guyyaa eerame kana ammoo guyyaa gabaa magaalaa Seertumii gabaa Sanbata Duraa bakka gabaa namootni hedduun gandoota ollaa biroo irraa dhaquun walirraa bitanii fi gurguratanii dhimma bahanitti magaalaatittii itti marsuun hanga eeruun kun qindaa’eetti yoo xiqqaate namoota konkolaataa 3 ol dirqamaan ukkaamsuun gara magaalaa Muggiitti fuudhanii deemuu eeruun gamasii ONM qaqqabe ni addeessa.

Murni Bilxiginnaa lola WBO fi saboota ollaa biroon raafama keessa galuun kufaatii diinagdee fi siyaasaa gama maraan impaayerattii  mudate irraa baraaruuf jecha lukkeeleen Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa maratti uummata Oromoo saamuuf barcuma aangoo isaa akka tiksaniif ammoo afaan qawweetti gargaaramuun dargaggoota fi abbootii otoo hin jenne namoota nagaa jumlaan qabuun lola isaan hin ilaallannetti duulchisaa jiraachuun ragaan kan mul’atudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading