ONM-ABO Muddee 31, 2025
Tiksitootni impaayera dulloomaa godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa ganda Daamuu Dhimbiibaa keessa qonnaan bultoonni jiraatan guutuun isaanii buqqa’anii aanichuma naannoo Safaraa Coophaa jedhamu keessatti deebi’uun iddoo sana qofa irraa akka jiraatu hawaasicha waltajjii baasuu fi mana isaanii irraa deemuun dirqaa kan jiran yoo ta’u, hawaasni iddoo sana irratti qubachuuf manaa fi lafas waan hin qabneef achi jiraachuu hin dandeenyu jedhee yeroo inni didutti reebaa fi doorsisaa akka jiran jiraattonni ibsaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Sanbarroo fi Qorcaasa jedhamu irraa hawaasni tokko utuu iddoo sana rratti hin hafne guutuun guututti buqqa’ee magaalaa Meexxiitti deebi’uu qaba jechuun hawaasicha magaalacha keessaa iddoo jireenyaa hin qabne goolaa akka jiran jiraattonni ifoomsaniiru.
Namoonni aanicha lamaan keessa jiraatan iddoon jireenya isaaniis bosonaa irraa fagoo kan ta’ee fi jireenya isaanii qofa kan gaggeeffatan yoo ta’u sababa Waraanni bilisummaa Oromoo daandii guddicha Arsii Lixaa fi Bahaa wal qunnamsiisu irratti tarkaanfii fudhataa jiruuf jecha shakkii hariiroo WBO wajjin qabdu jedhuun guutuun guututti nu buqqisuuf yaalaa jiru jechuun hawaasni naannicha irraa komatu.

