ONM-ABO Muddee 31, 2025
Ergamtoota Abiy Ahimed maqaa sakattaa WBO jedhu da’eeffachuun aanaa Baateetti tibbana baay’inaan bobbaafaman uummata nagaa irratti ajjeechaa dabalatee dhiittaan mirgoota namoomaa kanneen akka reebichaa, hidhaa, saamicha qabeenyaa hawaasaa fi buqqaatiin maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun hawaasa aanichaa irratti raawwatamu cimee itti fufuun barame.
Bifuma kanaanis aanaa Baatee ganda Eelaa jedhamutti gaafa Muddee 28, 2025 galgala loltootni sirnichaa qe’ee hawaasaatti halkan keessaa ol seenuun dargaggoota lakkoofsaan hedduu ta’an badii tokko malee kan ukkaamsan oggaa ta’u, dargaggoota ukkaamfamanii yakka otoo hin dalagin garmalee reebamuun dararamaa jiran keessaa muraasni kan maqaa argannes:
- dargaggoo Usmaan Kamaal,
- dargaggoo Hiddee Ibraahimii fi
- dargaggoo Suwaalii Xoohaa kanneen jedhamaniidha.
Dargaggoonni gara jabeeyyii murna faashistii PP’n reebicha ulfaataa reebamuun ukkaamfamanii hidhaatti darbataman kunneen badii seeraa dalagan tokko illee kan hin qabnee fi maatii isaanii hojii qonnaa gargaaruun kan jiraatan ta’uu jiraattotni ganda Eelaa dubbisne kan ibsan oggaa ta’u, lukkeeleen murna Bilxiginnaa kallattii tokkoon dargaggoota Oromoo dirqii fi goyyomsaan qabanii lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachisuun lubbuu isaanii obbaasaa kan jiran yoo ta’u, gama biraan ammoo dargaggoota Oromoo abdii maatii isaanii fi biyyaa ta’an diinomfatanii barjaa dharaa itti maxxansuun haala suukanneessaan ajjeesuu, hidhanii murtii seeraa tokko malee waggootaaf hiraarsuu, reebanii miidhaa qaamaaf qalbii irraan ga’uu fi biyyaa baasuun abdii jireenyaa itti dukkaneessaa kan jiran ta’uun ni beekama.



