ONM-ABO Amajjii 1, 2026
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee gandoota akka Diimtuu, Coqorsoo fi Bishee Ededaa jedhaman dabalatee aanicha bakkoota hedduutti lukkeeleen murna Faashistii PP maqaa qamadii bonaa qotaa jedhuun lafa jiraattotaa oomisha qamadiif hin taane, kan namoonni qullubbii, barbaree fi jimaa irra dhaabaa jiran akka bishaan hin obaafne, goguu qaba wayita goge ammoo kana buqqiftanii qamadii bonaa qottu ittiin jechuun sodaachisanii, oomisha ooyruu irraa, dafqaa fi dadhabbii namootaa yeroo dheeraa kana lafatti balleessaa jiraachuun barame.
Akka jiraattotni onichaa dubbisne ibsanitti, namoonni oomisha isaanii kana bishaan obaafatanii fi qamadii bonaa qullubbii buqqifnee hin qonnu jedhan reebichi ulfaataan irratti raawwatamee hidhaatti darbatamuun, achii ba’uuf ammoo qarshii humnaa olii gaafatamaa jiru, namoonni qarshii qaban kaffalanii kan ba’aa jiranis ni jiru, kan qarshii gaafatame waan kaffalu dhabe ammoo mana hidhaatti dararamaa jiru jechuun dubbatu.
Itti dabaluunis lafti keenya qamadii bonaa qotuuf hin ta’u, bara 2023-24 kana qamadii amma qotaa jedhame qonnee lafa midhaan kuntaala hedduu irraa galfannu qamadii kuntaala 1 irraa dhabne, sababa qamadii bonaa qotaniin maatiin danuun beelaaf saaxilamaa dhufaniiru, kana ammoo caasaaleen sirnichaa naannoo sanaa ni beeku, ammas deebi’anii qamadii bonaa qotaa yeroo jedhan beelaan akka dhumnuuf itti yaadamee hojjetamaa jira jechuun addeessaniiru.
Aanicha gandoota akka Diimtuu, Coqorsoo fi Bishee Ededaa kanatti lukkeeleen Bilxiginnaa wayita hawaasaan oomisha keessan mancaasaa qamadii bonaa qotaa jedhanii dirqisiisanitti, namoonni lukkeelee sirnichaan fira walitti dhiyoo ta’an, qarshii guddaa caasaalee Bilxiginnaa nyaachisuun qamadii bonaa qotuu dhiisifamanii oomisha isaanii nagaan bishaan obaafachaa fi kunuunfachaa kan jiran ta’uun beekameera.
Caasaaleen murna PP qarshii namoota irraa nyaatanii qamadii akka hin qonne taasisan kun maallaqa namootab irraa nyaatan gargar qooddachuu irratti wal dhabuun wal saaxilanii walii isaaniif wal reebaa fi hidhaatti wal darbachaa kan jiran yoo ta’u, gareen hattootaa lukkeeleen Bilxiginnaa hidhaman kunis itti gaafatamaa nageenyaa ganda Coqorsoo kan ta’e Obbo Indirroo Ahimed Muhee fi Komaander Yaayyoo Roobsee kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



