ONM-ABO Amajjii 1, 2026
Godina Baalee Lixaa aanaa Sinaanaa gandoota aanichaa kanneen akka Gamoora, Salqaa, Hoborraa, Maliyyuu fi kanneen biroo hedduu keessatti Muddee 28, 2025 irraa eegaluun murni Bilxiginnaa maqaa koridariitiin maneen jiraattota diiguun Dahoo malee hambisaa jira. Diigumsi manneeni kun godina kaasee hanga gandoota baadiyyaa aanichaati babal’achaa kan jiru namoonni kanaan dura manni irraa diigamee maatii isaanii waliin kanneen gara fira baqatanii daa’imaan isaaniif dahoo argatan hanga yoomitti firatti ba’aa akka ta’an wallaaluun yaaddoo guddaa keessa kan jiran yoo ta’u, kanneen bakkeetti mukkeen dahoo godhatanii jiranis wabii fuuldura dhabuun yaada’a jiru.
Jiraattonni maneen jireenya isaanii akeekkachiisa tokko malee irratti diigamee kun maallaqa waan umrii isaanii guutuu hojjatan hundan manneen kan jala waliin jalaa manca’ee jira.
Uummanni Oromoo murna maqaa Oromootiin daldaluun qe’ee fi qabeenya dhabuu kaasee hanga eenyummaa isaatiin yakkamuun reebichaa kaasee hanga ajjeechaa lubbuutti erga irratti raawwatamu eegalee ganna 7 ol lakkoofsisee jira.
Oduu biraatiin immoo qonnaan bultoonni hedduun yeroo ammaa waqxii hojiitti iddoo hojii isaaniitii gara leenjii waraanaatti guuramaa jiraachuu fi maqaa gibiraatiin saamichi maallaqaa irratti raawwatamu kan duraanii caalaa hamaatee jira jechuun yaaddoo keessa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiisaniru.




