ONM-ABO Amajjii 1, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jaarsoo Toleeraa bakka addaa Fittee jedhamutti Muddee 27, 2025 irraa eegalee hanga gabaasni kun qindaa’etti waraanni PP hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun uummata nagaa hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.
Haaluma kanaan Muddee 27, ganduma kana keessatti namoota maqaan isaanii:
- Obbo Tamasgeen Margaa abbaa ijoollee afurii kan ta’anii fi
- Aaddee Guutanii Dirribaa haadha ijoollee jahaa kan taate
hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun Waraanni murna Bilxiginnaa hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni Bilxiginnaa uummata nagaatti maqaa garaagaraa moggaasuun yakkee badii tokko malee dhiittaa mirgoota namoomaa irratti raawwachuun roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxiluun lubbuu isaaniif illee haala akkaan yaaddessaa keessa jiraachuun ni beekama.


