• Sun. Nov 22nd, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti saamichi maqaa kaffaltii gibiraan raawwatamu hammaachuun dhaga’ame 

Jan 1, 2026

ONM-ABO Amajjii 1, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti waraanni faashistii PP Kibxata Muddee 30, 2025 mooraa waraanaa ganda Arawwee keessaa gara ganda Baabboo Toobbaraa jedhamutti sochii taasisuun saamicha uummata irratti maqaa kaffaltii gibiraan adeemsisaa turuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraataan gandichaa tokko haala nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin feene nuuf himetti waraanni sochii taasisan kunneen manneen uummataa irra deemuun gibira tokko tokkoon isaanii irraa qarshii 5,000 fuudhaa akka turan himeera.

Namoonni qarshii gaafataman dhiyeessuu hin dandeenye ammoo olloota irraa liqeeffatanii kaffalaa akka turanis kan himu, gariin ammoo qabamuun harka loltoota kanneenii akka jiran yeroo gabaasni nu qaqqabetti beekuun danda’ameera.

Kana malees uummanni hojiif gara ooyiruu isaanii manneen cufuun deeman ammoo meeshaaleen mana keessaa loltoota kanneeniin jalaa akka saamames itti dabaluun ibseera.

Leave a Reply