• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbii keessatti waraanni faashistii PP dargaggoota lama rasaasaan rukutanii 1 ajjeesuu fi kan biraa tokko madeessuun dhaga’ame

Jan 14, 2026

ONM-ABO Amajjii 14, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Boonayyaa Assaabii bakka adda Waldaa Kaatoolikii jedhamu keessatti gaafa Amajjii 13, 2026 waraanni weerartuu Bilxiginnaa ol-adeemaa Oromoo kichuutti kutuu hojii idilee isaa godhate maqaa hidhata WBO qabduu fi odeessa kennituuf jedhuun dargaggoota lama rasaasaan rukutuu jiraattonni himan.

Akka jiraattonni gandichaa nuuf ibsanitti dargaggoonni rasaasaan rukataman kunneen: 

  1. Kinfuu Ifaa fi 
  2. Ifaa Shuumaa 

kan jedhaman ta’uu ibsuun, dargaggoonni kunneenis barattoota ta’uun alatti hirmaannaa siyaasaa keessaas qooda akka hin fudhanne itti dabaluun addeessaniiru.

Dargaggoo Kinfuu Ifaa battaluma sanatti lubbuun isaa akka darbitee fi Ifaa Shuumaa ammoo madoo ulfaataa morma keessa rukutamuun gara hospitaala Adiveentistii magaalaa Gimbiitti geeffamuun yaalamaa jiraachuu ibsuun, maatii isaa abbaa fi haadha isaa irraas shiftoonni waraana PP bilbiloota harkaa fuudhuun ibsameera.

Bilxiginnaan lubbuu qulqullootaan tirgaa siyaasaa taphachaa kan jirtu, dhiiga lammiilee nagaa gatii malee baasuun daranuu jeequmsaa fi wal-gaarreffannaan akka jabaatuuf guyyuu uummata nagaa ajjeesuun daranuu uummanni akka haaloo kufatu taasisaa jiras jechuun jiraattonni dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading