• Mon. Mar 16th, 2026

US Ameerikaan Obboleessummaa Musiliimaa ‘Muslim Brotherhood’ Masrii, Libaanos fi Joordaan keessatti argamu ‘shororkeessitoota’ jettee moggaafte

Jan 14, 2026

ONM-ABO Amajjii 14, 2026 

Ameerikaan dhaabbilee Ikhwaanal Muslimiin Masrii, Libaanos fi Joordaan keessatti argaman garee “shororkeessummaa” jechuun murteessuu ishee bulchiinsi prezidaant Doonaald Tiraamp beeksisaniiru. Kunis yeroo Waashingitan morkattoota Israa’el addunyaa guutuu irratti tarkaanfii fudhachaa jirtu cimsitee jirti.

Murteen Kibxata kaleessa kun kan kenname Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu bulchiinsi isaanii adeemsa gareewwan kana tarree gurraacha keessa galchuu akka jalqabu qajeelfama kenne torban muraasa booda.

Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa gareewwan Joordaan fi Masrii keessa jiran kana “shororkeessitoota addunyaa addatti kan moggaafaman” jechuun kan moggaase yoo ta’u, Ministeerri Dhimma Alaa ammoo dhaabbata Libaanos kana maqaa cimaa “dhaabbata shororkeessummaa biyya alaa” (FTO) jedhuun tarree gurraacha keessa galche.

Bulchiinsi Traamp garee Falasxiin Hamaas deggarsa jedhame fi “sochiiwwan dantaa Israa’el Baha Giddu Galeessaa irratti raawwataman” akka sababa sochootuutti kaasuun garee Ikhwaanal Muslim irratti xiyyeeffate.

“Boqonnaawwan Ikhwaanal Muslimaa dhaabbilee lammummaa seera qabeessa ta’uu isaanii kan ibsan yoo ta’u, duubaan ammoo gareewwan shororkeessummaa akka Hamaas ifatti fi quuqamaan deggaru,” jechuun ibsi Tiraazirarii Ameerikaa baaseen beeksiseera.

Kibxata kaleessa Ministeerri Dhimma Alaa Masrii Ameerikaan damee Ikhwaanal Muslima Masrii shororkeessitoota addunyaa jechuun moggaasuu ishee simateera.

Maqaaleen kun gareewwan kanaaf deggarsa meeshaa kennuu seeraan ala taasisa. Akkasumas galii isaanii ukkaamsuuf qoqqobbii dinagdee kaa’u. Asxaan FTO kun adabbii dabalataa miseensonni garee kanaa gara US akka hin seenne dhorkuu qaba.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading