• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Bofaa keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa nama tokko qarshii 300, 000 saamuun, gandoota birootti immoo namoota nagaa jumlaan hidhuu jabeessanii itti fufan

Jan 17, 2026

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Bofaa keessatti gaafa Amajjii 15, 2026 hidhattoonni bilxiginnaa nama tokko qarshii kuma dhibba sadii (300, 000) humnaan yoo saaman, gandoota birootti immoo uummata nagaa jumlaan hidhuu fi dararuu jabeessanii itti fufanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Bifuma kanaan murni badii Bilxiginnaan hidhattoota naamusaa fi kabaja dhala namaaf hin qabne bobbaasuun magaalaa Bofaa keessatti dukkaana Obbo Tulluu Warquu Gammachuu abbaa ilmaan 4 halkan itti dhaquun isa dunkaana isaa keessaa ari’uun maallaqa inni liqii namootaa deebisuuf olkaawwate qarshii 300,000 karaa foddaa cabsanii seenuun saamanii mooraa isaaniitti akka deebi’an namoonni eeranii, maallaqni kunis qotee bultoota irraa midhaan kanneen akka boqqolloo,boloqqee, xaafii fi kanneen biroo kiiloon bituun gurguree booda qonnaan bultootaaf akka kaffalu waliif galuun maallaqicha qopheesseef guutummaatti jalaa saamanii dukkaanas onsanii deemaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun magaaluma kanatti humni badii Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti ba’aa taasise qote bulaa maqaan isaa Obbo Daadhii Gorbuu Dhugoo jedhamu midhaan qabu gurguratee meeshaalee jireenya isaaf murteessoo ta’an bitachuuf yoo deemu jala bu’uun qabanii qarshii 80,000 erga irraa fduhataanii booda ari’uu isaanii jiraattonni magaalichaa argan ONM’f addeessaniiru. Kana malees milishoonni sirnichaa seera oromoo hin kabajne shamarree maqaan ishee Faanosee Wandimmuu jedhamtu kan dhugaatii gurguruun jireenya dhuunfaa ishee geggeessitu dhugaatii fi maallaqa isheen hojjette guutummaatti harkaa saamaniiru. 

Oduu biraatiin immoo ganda Saaraaf Araddaa bakka addaa Osolee akkasumas ganda Golboo Bitimittii iddoo addaa Nyaarguuraa fi Xaaxechaa jedhamu irraa  guyyaa har’aa ganama uummata nagaa hedduu hunda jumlaan mana hidhaa magaalaa Bofaatti guuraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading