ONM-ABO Amajjii 17, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assabii ganda Kellayii Birbir jedhamu keessatti gaafa Amajjii 14, 2026 galgala toora sa’aatii 02:00 tti waraanni maafiyaa PP daa’ima wallaltuu erga dhalatee ji’a 9 maqaan isaa Yaakim Bashuraa Baqqalee jedhamu rasaasaan rukutanii haala sukkanneessaa fi nama sururuun ajjeesuu jirattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees shamarree maqaan ishee Sandaaboo jedhamtu kan yeroo sana daa’ima ajjeeffame baattee turtes rasaasa itti roobsuun quba harkaa lamaa fi kalee isheerra rukutuun yeroo ammaa kana gara Hospitaala Adiveentistii magaalaa Gimbiitti geeffamtee haala ulfaataa lubbuu isheef yaaddessu keessa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraattonni bakkicha nuuf ibsanitti abbaan daa’ima ajjeeffame kun mana dhugaatii akka qabuu fi waraanni Bilxigginna naamusaa fi sansakkaa waraanumma hin qabne kunis dhugaatii alkoolii daangaa hin qabne dhuguun erga macha’anii booda shamarree daa’ima sana baattee turte sana fedhii foonii isaaniitiif dirqisiisuuf yaallaan isheen waan diddeef jecha gocha sukkanneessaa kana irratti raawwatan jechuun eeraniru.
Waraanni weerartu Bilxiginnaa uummata Oromoo ajjeesuu, saamuu fi gudeeduu bira darbee kabaja dhala namummaa isa irra mulquun waan seenaa keessatti dorgomaa hin qabne irratti raawwachaa akka jiran beekuun tokkummaan falmachuun dirqama filannoo hin qabne jechuun addeessaniiru.



