ONM-ABO Amajjii 17, 2026
Naannoo Beenishaangul Gumuz, magaalaa Asoosaa fi aanaalee naannichaa cufa keessatti miidhaan mootummaan naannichaa ilaalcha sabummaan uummata Oromoo irraan gahaa jiru yaaddessaa tahu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ilmaan Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz, magaalaa Asoosaa fi aanaalee naannichaa keessa jiraatan haalli mootummaan naannichaa fi Bilxiginnaan Oromiyaa wal-ta’uun ilaalcha sabummaa fi siyaasaan raawwachaa jiru akkuma bubbulaa jiru egeree jireenya keenyaafis yaaddeessaadha jechuun komee qaban ibsachaa jiru.
Naannichatti ilmaan Oromoo hidhamuu, saamamuu, dhoksaan ajjeefamuu fi dirree waraanaatti ergamaa akka jiran odeeffannoon jiraattota irraa argame kan ibsuun cinatti kanneen sabaan Oromoo ta’an daandii gubbaa dhaabbatanii hojii barbaaddachuu akka hin dandeenye dhorkamaa jiraachuus jiraattonni dubbatu.
Akka jiraattonni jedhanitti qoodinsa jabaan raawwachuu fi ilmaan Oromoo bakka jireenya isaanii keessatti mirga isaanii dhabuun miidhamuu irraa kan ka’e, yaaddoo fi dhiphina keessa akka jiran ibsuun, bifa kanaan itti fufnaan egeree jireenya isaaniif yaadda’uu himatu.
Akka naannichaatti ilmaan Oromoo baay’een sababa eenyummaa isaanii qofaaf shakkamanii hidhamuu fi dararamaa jiraachuun boruufis rakkoo hammaataaf nu saaxilaa jechuunis yaaddoo qaban ibsachaa jiru.


